header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Duula Waraanni Ameerikaa bra 2001 irraa kaasee Afgaanistaan, Paakistaan fi Iraaq keessatti geggeesseen lubbuun namoota 500,000 ol kan galaafatame tahuu gabaafame

Qorannoon  Brown University  irraa bahe akka mul’isutti, haleellaa September 11/2001 Ameerikaa keessatti  raawwatameen booda, duula waraanni Ameerikaa  maqaa shororkeesummaa balleessuu jedhuun Afghaanistaan, Paakistaan fi Iraaq keessatti geggeesseen,  walumaa galatti lubbuun  nama 480,000 – 507,000 galaafatamuu mul’isa.

 

Lakkoofsi kun namoota nagayaa, loltoota, Poolisoota biyyoota sadeenii, waraana Ameerikaa fi deeggartoota isii kan dabalatu tahuu qorannoon kun ni ibsa.

 

Namoota nagayaa duula waraana Ameerikaatiin ajjeefaman jidduu lammiileen Iraaq 182,272 – 204,575,  namoonni 38,480 Afghaanistaan keessatti, 23,372 immoo lammiilee Paakistaan yoo tahan, loltoonni Ameerikaa 7000 ol  baruma walfakkataa tahe keessa Afghaanistaan fi Iraaq keessatti kan ajjeefaman tahuu gabaasni kun ni addeessa.

Duula Waraanni Ameerikaa

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button