header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hoggantoonni Dhaabbata Korporeeshiinii Sibiilaa fi Injinariingii-METEC fi qondaaltonni tikaa heddu too’annaa jala oolan

Hoggantoonni METEC duraanii fi qondaaltonni tikaa too’annaa poolisii jala oolan baay’inni isaanii 40 ol yoo tahan, guyyaa kaleessaa gamoo METEC naannoo Garjiitti argamu keessatti walgahii dhaabbatichaa irra osoo jiran kan qabaman tahuu gaazexaan reporter gabaase. Akka gabaasa kanaatti qondaaltonni kunniin yeroo ammaa buufata poolisii federaalaa keessa kan jiran yoo tahu, maaliif akka hidhaman hanga ammaatti wanti beekame hin jiru.

 

Odeeyfannoo birootiin ammoo qondaaltonni raayyaa ittisa biyyaa ol’aanoon 160 ol tahan, raayyaa ittisa biyyaa keessaa kan hirdhifaman tahuu gabaasni arganne ni mul’isa. Miseensota raayyaa ittisa biyyaa hirdhifaman kanniin keessaa 145 miseensota Adda Bilisummaa Tigraay warra turan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button