header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
BreakingOdeeyfannoo

Haleellaa boombii mooraa bulchiinsa Aanaa Begii keessatti raawwatameen miseensonni waraana mootummaa lama midhamuu gabaafame

Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Begii Magaalaa Begii keessatti kaleessa galgala qaamni hin beekamne waraana mootummaa mooraa bulchiinsa aanichaa keessatti qubsiifame irratti haleellaa boombii kan raawwate yoo tahu, miseensonni waraanaa lama miidhamanii gara Finfinneetti fe’amuu odeeyfannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.

Ganama irraa kaase waraanni mootummaa naannaawa mooraa bulchiinsaatti akka namni hin dhihaanne dhorkaa jiran jechuun namni achirraa dubbisne nuuf hime. Mooraa kana keessa humni waraanaa farra shororkeessaa jedhamu qubatee akka ture odeeyfannoon arganne ni ibsa.

#Aanaa_Beegii #Makkalaakayaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button