Turkiyaan ragaa Sagalee ajjeechaa Jamaal Khaashoqjii ibsu Sa’uudii fi Ameerikaa dabalatee biyyoota hedduuf kennuu beeksiste
Qondaaltonni Turkiyaa humnoonni mootummaa Sa’uudii ajjechaa Jamaal Khaashoqjii kallattiidhaan raawwatuu isaanii raga sagalee kan qaban tahuu ibsaa turan. Prezdaant Rajab Xayyib Erdogaan sabtii har’aa akka jedhetti ammoo, Turkiyaan ragaa sagalee ajjeechaa Jamaal Khaashoqjii ibsu kana Sa’uudii, Ameerikaa, Briteen, Jarmanii fi Faransaayiif kennuu beeksise.
Erdogaan ibsa isaa kanaan, “Mootummaan Sa’uudii namoonni Jamaal Khaashoqjii ajjeesan jara Kudha Shanan October 2/2018 garee lamaan Istanbul seenan jidduu akka tahan ni beeka”jedhe. Turkiyaan ujummoo dhangala’aa xurii mooraa mana jireenya itti gaafatamaa qonsilichaatiin walqabate keessatti Asiidii lafee fi foon namaa bulbulu eega argattee booda, barbaacha reeffa gaazexeessaa kan dhaabde tahuun beekameera. Haa ta’u malee qorannoo yakkaa itti fufuu isii gabaasni Aljaziiraa irraa arganne ni mul’isa.
Gama biraatiin ammoo Sa’uudiin ajjeechaa kana ilaalchisee qorannoo geggeefamu irratti biyyootni biroo akka hirmaatan kan hin hayyamne tahuu beeksiste. Mootummaan Sa’uudii dhimmicha gad fageenyaan kan qorataa jiru tahuu ibsuun, ajjeechaa kanaan walqabatee namoota 18 akka hidhee fi qondaaltota ol’aanoo 5 ammoo hujii irraa kan ari’e tahuu hime.