OdeeyfannooUSA

Ameerikaa kutaa Kaalifoorniyaa keessatti Ibiddi Ka’e yoo xiqqaate lubbuu nama 31 galaafate

Balaa Ibiddaa kanaan namoota du’aniin alattis kanneen biroo 200 ammoo achi buuteen isaanii kan dhabame tahuu poolisiin beeksise. Ibiddi bosona Kaalifoorniyaa naannawa maagaalaa Thousand Oaks keessatti Khamiisa dabre  ka’ee, gara magaalotaa ce’uun manneen jireenyaa fi daldalaa heddu kan barbadeesse tahuu gabaafame. Walumaa galatti balaa kanaan hanga ammaatti lafti heektaara kumaatamaan shallagamu kan barbadaaye yoo tahu, manneen jireenyaa fi daldalaa 6,700 ol gubatanii jiru.

 

Jiraattonni nannichaa 300,000 ol tahan qe’ee fi qabeenya isaanii gatanii balaa kana jalaa kan baqatan tahus, qondaaltonni Kutaa Kaalifoorniyaa bubbee fi hoo’a naannichatti dabalaa dhufeen walqabatee Ibiddi ka’e hammaataa waan jiruuf,  ammas jiraattonni magaalota naannoo balaa kanaa akka jalaa baqatan akeekkachiisan.

 

 

 

 

 

Comment

Related Articles

Back to top button