header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ministeerri Ittisa Israa’el  Avigdor Lieberman taayitaa gad lakkise

Gaazaa keessatti walitti bu’iinsa Israa’el fi gareewwan Falasxiinotaa jiddutti hammaataa dhufe hordofuun, carraaqqii Masriitiin guyyaa kaleessaa gareen lamaan dhukaasa dhaabuuf walii galan. Arba’aa hardhaa ammoo walii galtee kana mormuun ministeerri Ittisa Israa’el taayitaa gad lakkisuu beeksise.

 

Avigdor Lieberman ibsa miidiyaaf kenneen “walii galteen mootumman Israa’el guyyaa kaleessaa garee Hamaas waliin mallatteesse garee shororkeessaatiif harka kennachuun alatti maqaa biraa hin qabu, kanaafuu taayitaa kiyya gad lakkisee jira”jedhe. Walii galtee kana ministeeronni Israa’el kanneen biroo sadi kan morman yoo tahu, muummichi ministeera Israa’el Benjaamin Netaaniyaahuu gama isaatiin, “Walii galteen kun yeroo kanatti  murtii sirriiti”jechuun ibse.

 

 

Alhada dabre irraa kaase walitti bu’iinsa akka haarayaattii jalqabame kanaan,  xiyyaaronni waraana Israa’el haleellaa Gaazaa keessatti raawwataniin yoo xiqqaate Falasxiinota 15 kan ajjeesan yoo tahu, gama Israa’el irraa ammoo lotuun tokko kan ajjeefame tahuu gabaasni arganne ni addeessa.

 

 

 

 

2 Comments

  1. السلام عليكم ورحمة الله وبركاتة jabaadhaa jajabaadhaa
    wani isiniif dhaamu yoo jiraate Sodaarabbiiti waan dhugaarratti hunwaa waan dhugaantaanerraa of,eegas
    Rabbiin isin haagargaaru

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button