header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwustraaliyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Yamanii fi gareen Huusii marii jalqabuuf akka tahe gabaafame

Yamanitti bakka bu’aan Dhaabbata Mootummoota Gamtomanii Martin Griffith akka jedhetti, gareen lamaanuu  lola biyyattii raasaa jiru dhaabuudhaaf marii Siwiidin keessatti geggeessuuf karoorfame irratti kan hirmaatan tahuu beeksisan.  Mr. Griffith  Jum’aa kaleessaa mana marii nageenyaatiif ibsa kenneen, “Hoggantoonni garee lamaaniitu marii kana irratti hirmaatuudhaaf waadaa galanii jiru, mootummaan Yamanii fi gareen Huusiitis jila isaanii gara Siwiidin kan ergan tahuu mirkaneessanii jiru”jedhe.

 

Mariin karoorfame kun yoom akka geggeefamu ammatti kan hin beekamin tahus, bakka bu’aan UN torbee dhuftu keessa gara Yaman imaluun, gareewwan lamaan waliin eega mari’ateen booda kan ibsamu tahuu gabaasni arganne ni addeessa. Dabalataanis marii kana dursuudhaan wal amantaa cimsuudhaaf, mootummaa fi finciltoonni Huusii boojuu fi hidhamtoota harkaa qaban wal jijjiiruudhaaf waada kan galan tahuu gabaafame. Haaluma wal fakkaatuun gamtaan waraana Arabaa Sa’uudii fi Emreetsiin hoogganamus, madoowwan  magaalaa Sana’aatiin alattis yaala akka argatan haala mijeessuu dabalatee, marii UN qindeessaa jiru kana deeggaruudhaaf waadaa kan seene tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Lolli Yaman keessatti Mootummaa fi garee Huusii jiddutti waggaa sadihii oliif geggeefamaa jiru nama 56,000 ol kan galaafate yoo tahu, kanneen biroo kumaatamaan lakkaahaman ammoo beelaa fi dhibeen kan du’an tahuu gabaasni kun ni mul’isa. Dabalataanis lammiileen biyyattii miiliyoona 13 ol tahan beela hamaaf kan saaxilaman akka tahee fi miiliyoonni 3 ammoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa kan buqqifaman tahuu gabaasni UN ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button