header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Dhaabbatni Poolisii Addunyaa (Interpol) lammii Kooriyaa Kibbaa Kim Jong Yang prezdaantii haaraya godhuun filate

Dhaabbatni Poolisii Addunyaa walgahii Emreets magaalaa Dubaay keessatti geggeesseen Kim Jong Yang hogganaa dhaabbatichaa godhuun kan filate yoo tahu, Ruusiyaan kaadhimamaan lammii isii akka filatamuuf carraaqqiin godhaa turte kan hin milkaayin tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.  Prezdaantiin dhaabbatichaa duraanii September dabre mootummaa Chaayinaatiin qabamee eega hidhamee booda, Kim Jong Yang  bakka bu’aa prezdaantii tahuun dhaabbaticha hogganaa ture.

 

Prezdaantiin Dhaabbata Poolisii addunyaa kan duraanii Mr Hongwei Meng dhuma Ji’a September/2018 Fransaay irraa gara Chaayinaa kan imalee ture yoo tahu, mootummaan Chaayinaa qondaalticha kana yakka malaammaltummaa fi seera cabsuutiin shakkee too’annaa jala kan oolche tahuu ibsuu isaa gabaasuun keenna ni yaadatama.  Mr Meng Hongwei hogganaa Dhaabbata Poolisii Addunyaa (Interpol) tahee filatamuu isaatiin dura, mootummaa Chaayinaa keessatti qondaala Ol’aanaa tika biyyattii ture.

 

Dhaabbatni Poolisii addunyaa Interpol jedhamuun beekkamu dhaabbata yakka idli addunyaa qoratu yoo tahu, waajjirri muummee dhaabbatichaa Faransaay magaalaa Liyoon keessatti argama.

Dhaabbata Poolisii Addunyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button