header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Paarlaamaan Muudama Kaadhimamtuu hoggantuu Boordii Filannoo Biyyoolessaa muummichi ministeeraa dhiheesse raggaasise

Dr Abiy Ahmad Aadde Birtukaan Midhagsaa Boordii Filannoo Biyyoolessaa akka hoggantuuf mana mariitiif kan dhiheesse yoo tahu, Paarlaamaan walgahii Khamiisa har’aa geggeesseen muudama kana sagalee caalmaa taheen raggaasisee jira.

 

Aadde Birtukaan kanaan dura Mana murtii Federaalaa keessatti ogummaa abbaa seeraatiin tajaajilaa kan turte yoo tahu,booda irra ammoo Itti Aantuu Dura teettuu Paartii Qinijjiit turuun isii ni yaadatama.

 

Hoggantuun Boordii Filannoo Biyyoolessaa duraanii Aadde Saamiyaa Zakariyaa Ji’a lama dura Ambaasadarummaan Naayijeeriyatti ramadamte.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button