Baankiin Misooma Afrikaa deeggarsa Doolaara miiliyoona 100 fi miliyoona 25 Ityoophiyaaf kenne
Walii galtee deeggarsa maallaqaa kana Ministeerri maallaqaa Obbo Ahmad Shidee fi Baankii Misooma Afrikaatti Itti gaafatamaan damee Baha Afrikaa Mr Gabri’eel Nigaatuu kan mallatteessan tahuun beekamee jira. Maallaqni Baankii Misoomaa Afrikaa irraa argame kun taajaajila bu’uuraatiif kan oolu yoo tahu, Keessumattuu qulqullina barnootaa, fayyaa, dhiheessii bishaanii fi tajaajila ariifachiisaaf kan oolu tahuu Odeeyfannoon arganne ni addeessa.
Odeeyfannoo Wal qabateen, Baankiin Investimantii Awrooppaatis liqii birrii miiliyoona 900 fi miiliyoona 60 Ityoophiyaa kennuuf ministeera maallaqaa waliin walii galtee mallatteessee jira. Haaluma walfakkaatuun guyyaa kaleessaa Deenimaark birrii biiliyoona 4.26, kan deeggarsa qonnaa fi eeggumsa naannootiif oolu Ityoophiyaa kennuuf waliigaltee mallatteesitee jirti.