header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Keeniyaan lammiilee Chaayinaa Sadi irratti himannaa malaamaltummaa bante

Lammiileen Chaayinaa Sadan hojjattoota Kaampaanii Daandii Baabura Keeniyaa haaraya ijaaramee yoo tahan, namoonni sadeen qondaaltota yakka malaamaltummaa gurgurtaa tikeetii imala baabura waliin wal qabate qorataa turaniif gubboo kennuuf yaaluudhaan kan himatan tahuu gabaafame. Hojjattoonni sadeen maallaqa gurgurtaa tikeetii baaburaa irraa,  guyyaa tokkotti doolara 10,000 hatuun shakkamanii kan qoratamaa turan tahuu miidiyaaleen Keeniyaa gabaasan.

          

Daandiin baaburaa fandii Chaayinaa irraa argame, doolaara biiliyoona sadihiin Keeniyaa keessatti ijaaramee kun magaalota Mombaasaa fi Naayiroobii kan wal qunnamsiisu yoo tahu,  jalqaba Suudaan Kibbaa, Rippaablika Koongoo, Burundii, Ruwaandaa fi Itoophiyaa wal qunnamsiisa jedhamee yaadamee ture. Daandiin Baabura kun bara dabre hujii isaa kan jalqabe tahus, pirojektichi harkifachuu irraa kan ka’e Keeniyaan doolara miiliyoona 100 waggaa jalqaabaatti argachuu malte kan dhabde tahuu gabaasni BBC ni ibsa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button