header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
USA

Ustaaz Abubakar Ahmad fi Ustaaz Badruu Huseen Konfiransii Wiirtuu Islaamaa Tawfiiqi irratti hirmaatuuf Ameerikaa seenaan

Wiirtuun Islaaamaa “Tawfiq Islamic Centre”jedhamuun beekamu Kutaa Minnesota magaalaa Minneapolis keessatti Konfiransii waggaa marsaa 18ffaaf November 30-Dec 2/2018 kan geggeessu yoo tahu, Konfiransii kana irratti hirmaatuuf walitti qabaan koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa Ustaaz Abubakar Ahmad fi Ustaaz Injinar Badruu Huseen halkaan edaa Ameerikaa kan seenaan tahuun beekamee jira. Hawaasni muslimaa biyya keenyaa kutaa Minnesota keessa jiraatus buufata xiyyaaraatti argamuun simannaa hoo’aa godheefii jira.
Ustaaz Abubakar Ahmad konfiransii kana ilaalchisee yaada kenneen; “Konfiransiin kun kan dhimmi hawaasa muslimaa irratti mari’aatamu, akkasumas hawaasa muslimaa biyya keessaa fi biyya alaa jiru walumaa galatti, muslimoota biyya keenyaatiif hojiin guddaan akka hojjatamu bu’uura ni taha jennee abdanna, kanaafu hawaasni muslimaa irratti akka argamus abdii qabna”jedhe.

Konfiransii Wiirtuu Tawfiiq hardha jalqabu kana irratti hirmaatuuf ulamaa’onni hedduun Ityoophiyaa fi biyyoota biro, akkasumas achuma Ameerikaa kutaa garagaraa irraa kan argaman tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button