header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lammiileen Indoneezhiyaa mootummaa biyyattii mormuun hiriira bahan

Lammileen Indoneezhiyaa miiliyoona lama ol tahan mootummaa biyyattii mormuun Alhada hardhaa magaalaa Jaakaartaa keessatti hiriira kan bahan yoo tahu, Prezdaant Joko Widodo fi bulchaan magaalaa Jaakaartaa taayitaa akka gad lakkisan kan gaafatan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.  Mormii  guyyaa har’aa kana gareen “212 movement”jedhamu kan yaame yoo tahu, gareen kun bara 2016 bulchaa Jaakaartaa Basuki Purnama amantaa “Islaamaa arrabse”jecchuun mana murtiitti himatee ture.

 

Bulchaan magaalaa Jaakaartaa Basuki Purnama nama hidda dhalata Chaayinaa qabu yoo tahu, himannaan isarratti dhihaate maqa balleessiidha jechuun mormaa ture. Haa ta’u malee manni murtii Indoneezhiyaa May darbe adabbii hidhaa waggaa lamaa kan irratti murteesse tahus, Mr Purnamaan hanga ammaatti kan hin hidhamin tahuu gabaasni arganne ni addeessa. Mormitoonni akka jedhanitti garuu prezdaant Joko Widodo dhiibbaa biyyoota dhihaatiin adabbiin kun akka hin raawwatamneef lafa irra harkisaa jira jechuun yakkan.

 

Indoneezhiyaan ummata miiliyoona 200 fi miiliyoona 64 kan qabdu yoo tahu, biyyoota Islaamaa keessaa baay’ina ummataatiin tokkoffaadha.

mormii indoneezhiyaa1

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button