
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Lammiileen Ityoophiyaa 408 Yaman irraa gara biyyatti kan deebifaman tahuu gabaafame
Ministeerri haajaa alaa akka jedhetti, lamiileen Ityoophiyaa kunniin karaa seeraan alaatiin gara Sa’uudii imalaa osoo jiran Yaman keessatti qabamanii hidhaa irraa kan turan yoo tahu, Dhaabbata Godaansa Addunyaa (IOM) waliin tahuun gara biyyatti kan deebise tahuu ibse. Namoota gara biyyatti deebisaman kenneen jidduu 300 dhiira akka tahanii fi 108 ammoo dubartoota tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Haaluma walfakkaatuun waajjirii ministeera haajaa alaa lammiilee Ityoophiyaa manneen hidhaa Sa’uudii, Taanzaaniyaa fi Liibiyaa keessa jiran, gara biyyatti deebisuudhaaf IOM waliin kan hojjaataa jiru tahuu beeksise.
#Lammiilee_Ityoophiyaa #Yaman