header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Paarlaamaan Somaaliyaa Prezdaantii biyyattii taayitaa irraa kaasuuf gaafii dhihaate kuffise

Alhada kaleessaa miseensonni paarlaamaa biyyattii 92 tahan, “Prezdaant Muhammad Abdullaahi Farmaajoo heera Somaaliyaa cabsuun Iccitiidhaan  Iyoophiyaa fi Eertiraa waliin waliigaltee mallatteessee jira, akkasumas kophaa isaa abbootii seeraa fi qondaaltota waraanaa wanta muudeef taayitaa irraa akka bu’uuf sagaleen irratti haa kennamu”jechuun paarlaamaa biyyattiitiif iyyannoo galchan.

 

Paarlaamaan biyyattii ibsa guyyaa hardhaa baaseen ammoo,  gaafiin prezdaanticha taayitaa irraa buusuuf dhihaatee ture, sagaleen irratti kennamuun duratti deeggarsa barbaachisu dhabuudhaan kan kufe tahuu beeksise.  Paarlaamaan biyyattii ibsa isaa kanaan, “miseensota paarlaamaa 92 kaleessa iyyannoo galfatan jidduu 14 maqaan isaanii dogongoraan akka barraahee fi gaaficha kan hin deeggarre tahuu ibsuun maqaa isaanii haqanii jiru”jedhe.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button