header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni Makkalaakayaa Magaalaa Mooyyalee keessatti Poolisii Oromiyaa tokko dabalatee namoota 7 ajjeessuu gabaafame

Guyyaa hardhaa miseensa Poolisii Oromiyaa kan tahe ajajaa shantamaa  Abdinuur jedhamu dabalatee, namoonni  7 waraana Makkalaakayaatiin kan ajjeefaman tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa. Akka Jiraataan magaalaa Mooyyalee irraa dubbisne nuuf himetti,  lolli hardha guyyaa afraffaaf kan geggeeffamaa oole akka tahee fi ummatni yeroo hidhattoota kana of irraa qolachuuf yaalu, waraanni Makkalaakayaa jidduu seenuun  namoota  heddu kan ajjeese tahuu hime. Jiraataan kun, “Miseensonni  waraana makkalaakayaa naannicha jiran warra March dabre duguggaa sanyii magaalaa Mooyyalee keessaatti dhalattoota Oromoo irratti raawwatanii turan yoo tahan, ammas ajjeechaa wal fakkaatu lammiilee Oromoo irratti raawwataa jiran”jechuun ibse.

Magaalaa Mooyyalee keessatti hidhattoonni naannoo Somaalee haleellaa raawwataniin lubbuun namaa fi  qabeenyi heddu kan barbadaaye yoo tahu,  lola kana hordofuun lammiileen kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee isaanii irraa buqqifamuun gara Keeniyaa fi aanaalee godina Booranaa adda addaa kan baqatan tahuu odeeyfannoon achi irraa arganne ni addeessa.

Lola guyyaa hardhaa magaalattii keessatti geggeeffameen,  iddoowwan guyyoota darban loltoonni naannoo Somaalee Alaabaa Oromiyaa buqqisuun kan naannoo isaanii irrattii dhaabanii  turan, ummanni kan deebifate  akka tahes odeeyfannoon ni addeessa. Yeroo ammaa magaalaa Mooyyalee  keessatti tajaajilli ifaa, bilbilaa fi Interneetaa  guututti kan addaan cite tahuun beekameera.

#Lola_Mooyyalee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button