header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Qaxar Wal dhabbii biyyoota ollaa waliin qabdu mariidhaan furuuf fedhii kan qabdu tahuu beeksiste

Amirri Qaxar Tamiim Bin Hammaad Al-Saanii Sabtii har’aa sirna baniinsa Foramii Dohaa irratti haasaya godheen, mootummaan Qaxar biyyoota Arabaa Sa’uudiin durfaman kanneen biyya isaa irra uggura kaahan waliin waldhabbii jiru mariin furuudhaaf ammas fedhii kan qabu tahuu ibse. Sheikh Tamiim akka jedhetti, rakkoon nannoo isaanii wal hubachuu fi waliin haasayyudhaan malee, wal dhiibuu fi haqa dabsuudhaan kan hin furamne tahuu dubbate. Haaluma kanaan biyyoonni galoo galaana Arabiyaa sadanii fi Masri uggura Qaxar irra kaahan kaasuudhaan gara marii akka dhufan waamicha godhe.

Ministeerri haajaa alaa Qaxar Sheikh Muhammad Bin Abdurrahmaan Al-Saanii gama isaatiin, Kuweeyt rakkoo biyyoota galoo galaana Arabaa furuudhaaf carraaqqii godhaa turteef galateefachuun, ammas rakkoo kana furuudhaaf adda durummaan akka hojjattu gaafate. Sheikh Muhammad itti dabaluudhaan “biyyootni Arabaa addunyaa keessatti kan kabajamnu tokkummaan keessoo keennaa yoo cime qofa waan taheef, biyyoonni miseensa gamtaa galoo galaana Arabiyaa qajeelfama gamtichaa fooyyeessuun tokkummaa keenna cimsuu qabna”jedhe.

Biyyoonni Arabaa afran Qaxar irra uggura kaahan Sa’uudii, Emreets, Bahreeyn fi Masri tahuun ni beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button