header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Lammiileen Oromoo Magaalaa Mooyyalee irraa buqqa’an rakkoo irra jiraatuu ibsan

Lola hidhattonni naannoo Somaalee magaalaa Mooyyalee keessatti geggeessaa jiraniin, namni heddu haala sukkanneessaa taheen ajjeefamuu akkasamus, lammiileen lakkoofsaan heddu tahan immoo qe’ee isaanii irraa buqqifamuun maatiin adda faca’uu odeeyfannoon ni addeessa.

Lolli kun guyyaa hardhaa December 16/2018 kan hammaatee itti fufe tahuu jiraatan magaalaa Mooyyalee nuuf hime. Akka Jiraatan kun jedhetti, “Waraanni Makkalaakayaa lola kana qabaneessuuf yaaluus hidhattoonni naannoo Somaalee kun karaa biraatiin dhufanii dhukaasa bananiin, ganda Qabbanaatti manneen hedduu gubanii jiru, nama ajjeeffame kan hin argin tahus, namoonni madaawaan jiraatu nuuf hime.

Akkasumas lammiileen buqqa’aanii iddoo adda addaatti argamanis rakkoo hamaaf saaxilamuu, maatiiwwan adda faca’aanii eessa akka jiran kan quba wal hin qabne akka tahee fi haga ammaatti qaama mootummaa naannoos tahee kan Federaalaa irraa deeggarsi kan hin godhaminiif tahuus jiraataa kana irra hubatuun danda’amee jira.
#Mooyyalee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button