header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Hogganaan Hamaas Prezdaant Mahmuud Abbaas waliin mari’achuuf qophii tahuu beeksise

Hogganaan Hamaas Ismaa’il Haniyyaa Alhada har’aa ayyanaa hundeeffama dhaabbatichaa waggaa 31 irratti haasaya goddheen, wal dhaabbii dhaabbilee Falasxiin jidduu jiru furuun,  mootummaa Falasxiin tokkummaa cimaa qabu ijaaruudhaaf, Prezdaant Mahmuud Abbaas waliin haal duree tokko malee mari’achuudhaaf qophii tahuu beeksise.

 

Hogganaan Hamaas dhaabbatni isaa filannoo prezdaantummaa tahee kan Paarlaamaa,  geggeessuudhaaf  fedhii kan qabu tahuus ibse. Wal dhabbii jidduu isaanii jiru hiikuudhaaf, Ji’a dabre bakka buutonni dhaabbilee Hamaas fi Fataah Kaayiroo keessatti marii jalqabaa kan geggeessan tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.  Filannoo bara 2006 guutuu Falasxiinitti geggeefame dhaabbatni Hamaas injifatuu hordofuun walitti bu’iinsa uumameen, Hamaas fi Fataah’n lola wal irratti banuun isaanii ni yaadatama.

 

Ayyaana hundeeffama dhaabbata Hamaas guyyaa hardhaa Gazzaa keessatti kabajame irratti ummanni kuma hedduu kan hirmaate tahuunis beekamee jira.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button