Ibiddi Bosona Kaalifoorniyaatti Qabate Ammas Torban 2ffaaf Belbelutti Jira.
Ibidii bosona Kaalifoorniyaatti qabate ammas belbelutti jira. Belbelli ibiddaa kun dachii Magaalaa New York fi Boston walirratti caalu belbelchutti jira. Ibiddi Maqaa Toomaas Faayir (Thomas Fire) jedhamuun moggaafame kun, Lafa Hektaara 93,000 caalu uwwisee argama. Naannoo Ibiddi kun itti qabatetti duumessiifi abdiin roobaa hin jiru, sababaa kanaaf ibiddi kun yoom akka dhaamu tilmaamuunis hin danda’amne. Konkolaatonni bishaan facaasan 6000 ol ibidda kana dhaamsuuf sochii irra jiru. Bishaan Xayyaararraa facaafamus jijjiirama takkallee fiduu hin dandeenye. Magaalonni ibidda kanatti dhihoo jiranis Aaraan ukkamamaniiru.
Guyyaa ibiddi qabaterraa kaasee hanga arraatti, hilikooftaroonni heddu ibidda kana dhaamsuuf haala kanaan yaalii godhutti jiru.
Magaalonni Ollaa ibidda kanaa jiran, haala kanaan aaraan ukkaamamanii jiru.
Jiraattoonni naannichaa wayta ibiddi ganda isaaniitti qabatu halaalarraa daawwachutti jiru.
Photo Credit CNN