header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Itti aanaan Muummicha Ministeeraa Obbo Dammaqa Makonniin Prezdaantii Suudaan waliin mari’ate

Itti aanaan Muummicha ministeeraa Obbo Dammaqa Makonnin daawannaa hujii guyyaa lamaatiif kaleessa gara Suudaan kan imale yoo tahu, Prezdaant Umar Al-Bashiir waliin  dhimma daangaa biyyoota lamaanii irratti bal’inaan kan mari’atan tahuu gabaafame. Obbo Dammaqan marii booda ibsa kenneen, dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii keessumattuu dhimmaa daangaa irratti koree walii galtee hujii irra oolchu kan dhaabbate tahuu ibse.

 

Prezdaant Al-Bashiir gama isaatiin,hariiroo cimaa biyyoota lamaan jiddutti ijaaruun wal deeggarsi gama hundaa itti fufuu akka qaba jechuu isaa gabaasni arganne ni mul’isa. Ministeerri Dhimma Alaa Suudaan Dr. Dardari Muhaammad Ahmad marii booda ibsa kenneen, “mariin Obbo Dammaqa fi Prezdaantichaa dhimmoota murteessoo biyyoota lamaanii gadi fageenyaan ilaale jira”jedhe.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button