header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Bulchiinsi Traamp Waajjiraalee Mootummaa Federaalaa muraasa cufuu beeksise

Prezdaant Donaald Traamp ijaarsa dallaa dangaa Meeksikoo fi Ameerikaa irratti karoorfateef maallaqni Dolaara biiliyoona shan akka ramadamuuf kan gaafatee ture yoo tahu, Kongirasiin Ameerikaa bajata kana raggaasisuu diduu isaa hordofuun prezdaantichi waajjiraalee mootummaa muraasa cufuu beeksise.

 

Traamp akka jedhetti, godaantota seeraan ala Meeksikoo keessaan gara Ameerikaatti seenan ittisuudhaaf dallaa ijaaruun dirqama waan taheef, hanga Kongirasiin bajata kana raggaasisutti waajjiraaleen mootummaa Federaalaa akkuma cufamanitti turan jechuun akeekkachiise. Warra Paartii Ripaalikaanotaa dabalatee miseensonni Kongirasii Ameerikaa heddu murtii Traamp kana cimsanii balaaleffataa jiran.

 

Waajjiraalee mootummaa federaalaa cufaman jidduu Ministeera Nageenya Biyya Keessaa, Ministeera Haqaa, Ministeera Qonnaa, Ministeera Geejibaa fi kanneen birootis kan keessatti argaman tahuu gabaafame. Cufamiinsa waajjiraalee mootummaa kana hordofuun hojjattoonni mootummaa Federaalaa 300,000 ol tahan hujii dhaabaniiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button