header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Hamaas Karoora Prezdaant Abbaas Paarlaamaa Falasxiin diiguuf baase kan hin fudhanne tahuu beeksise

Prezdaant Mahmuud Abbaas Sabtii kaleessaa walgahii dhaabbata bilusummaa Falasxiin (PLO) irratti haasaya godheen, “Akkaatama manni murtii heera Falasxiin ajajetti, paarlaamaan Falasxiin diigamee ji’a jaha keessatti Filannoon ni geggeefama”jedhe.

 

Murtii Prezdaant Mahmuud Abbaas kana dhaabbileen Falasxiin heddu kan balaaleffataa jiran yoo tahu, Hamaas ibsa baaseen akka jedhetti, ajaja mana murtii hujii irra oolchina sababa jedhuun prezdaant Abbaas mana maree Falasxiinotaa yoo kan diigu tahe, wal dhabbii dhaabbilee Falasxiin jiddu jiru hammeessuun gaaga’ama hamaa uumuu taha jechuun akeekkachiise. Hamaas ibsa isaa kanaan, Prezdaant Mahmuud Abbaas ajaja mana murtii seera qabeessa hin tahin raawwachisa jechuun isaa murtii siyaasaa fudhatama hin qabne jechuun kuffise.

 

Hamaas ummanni Falasxiini fi dhaabbileen birootis karoora kana akka morman waamicha kan dabarse yoo tahu, mootummaan Masritis jidduu seenuudhaan Prezdaant Abbaas karoora kana akka haqu dhiibbaa godhuu qaba jechuun gaafate. Haaluma kanaan dhaabbileen Falasxiin lama murtii kana kan hin fudhannee tahuu beeksisanii jiru.

 

Filannoo bara 2006 geeggeefamee tureen dhaabbanni Hamaas barcuma heddu injifatuun mana marii Falasxiin keessatti sagalee ol’aanaa kan qabu yoo tahu, lola bara 2007 Hamaas fi Fatah jiddutti geggeefame hordofuun hanga ammaatti mootummaa tokkummaa Falasxiin diigame deebisanii hundeessuun kan hin danda’amin tahuun ni beekama.

Prezdaant Mahmuud Abbaas akka jedhutti wal dhabbii kana furuudhaaf carraaqqii Masri godhaa jirtu kan danqe Hamaas waan taheef, Hamaas irratti dhiibbaa uumuudhaaf murtii kana hujii irra oolchuun dirqama jechuun beeksise. Hamaas ammoo himannaan prezdaant Abbaas kun soba jechuun haale.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button