header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Eertiraan daangaa Zaalanbassaa debistee kan cufte tahuu gabaafame

Walii galtee nageenyaa Ityoophiyaa fi Eertiraa jiddutti mallatteeffame hordofuun, biyyoonni lamaan ji’oota muraasa dura daangaa waggaa 20 oliif cufamee ture banuun isaanii ni yaadatama. Haa ta’u malee mootummaan Eeritraa guyyaa kaleessaa irraa jalqabee daangaa Zaalanbassaa jedhamu kan cufe yoo tahu, dangaa gama Asabi fi kanneen biroo irrattis too’annaa cimaa kan godhaa jiru tahuun beekamee jira. Namoota Ityoophiyaa irraa gara Eeritraa seenuu barbaadaniif qajaalfamni kan bahe yoo tahu, qajeelfama kanneen jidduu tokkoo namni gara Eertiraa imaluu barbaadu hundi mootummaa Federaalaa irraa hayyama addaa baafachuu qaba kan jedhu keessatti argama.

 

Torbee dabre keessa qondaalli ol’aanaan Eeritraa tokko magaalaa Asmaraa keessatti rasaasaan eega rukutamee booda, mootummaan biyyattii waraanaa daangaa irraa kaasee ture deebisee qubachiisaa  kan jiru tahuu gabaafame.

 

 

Comment

Back to top button