header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwustraaliyaaOdeeyfannoo

Haleellaa Israa’eel buufata waraana suuriyaa irratti raawwatteen, loltoonni suuriyaa 3 madaayuun gabaafame

Xiyyaaronni waraana Israa’el 6 halkan kaleessaa daangaa Lubnaan seenuun gara buufata waraana Suuriyaa magaalaa Damashiq cinatti argamuutti boombiiwwan 17 kan darbatan yoo tahu, humni ittisa qilleensa Suuriyaa boombiiwwan 14 ol qilleensa irratti kan fashaleesse tahuu gabaafame. Haata’u malee boombiin lama kuusaa meeshaa waraana Suuriyaa rukutuun loltoonni mootummaa sadi kan maadayaan tahuun beekamee jira.

 

Raashiyaan haleellaa Israa’el kana kan balaaleffatte yoo tahu, ministeerri Ittisa Raashiyaa ibsa baaseen akka jedhetti, Xiyyaaronni waraana Israa’el haleellaa Suuriyaa keessatti raawwataniin xiyyaarota Siviilii lama ummata fe’atanii imalaa turan,  balaa hamaa keessa galchanii turan jechuun yakke. Dubbi himaan Ministeera Ittisa Raashiyaa Igor Konashenkov ibsa kenneen, too’attoonni qilleensa Suuriyaa xiyyaarota lamaan daandii imala isaanii jijjiirsisuun balaa kana irraa kan baraaran tahuu hime.

 

Israa’el September dabre haleellaa Suuriyaa keessatti raawwatteen Xiyyaarri Raashiyaa tokko eega rukutamee booda, Raashiyaan Ittisa misaa’elaa S-300 jedhamu Suuriyaa kennuun isii ni yaadatama.

 

 

Comment

Back to top button