header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Emreets fi Bahreeyn Imbaasiiwwan Damashiq keessatti cufanii turan banan

Fincila ummataa bara 2011 Suuriyaa keessatti dhoohe hordofuun lola hamaa biyyattii keessatti ka’een wal qabatee, biyyoonni Arabaa heddu hariiroo mootummaa Suuriyaa waliin qaban addaan kutuun isanii ni beekama. Haa ta’u malee mootummaan Suuriyaa deeggarsa Iraan fi Raashiyaatiin nannoolee biyyattii harka finciltootaa turan heddu deebisee eega too’atee booda, dhiheenya kana biyyoonni Arabaa heddu hariiroo mootummaa Bashaar Al-Asaad waliin qaban foyyessuudhaaf kan hojjataa jiran tahuu gabaafame.

 

Haaluma kanaan Emreets Imbaasii Damashiq keessatti waggaa 7 dura cufte guyyaa kaleessaa kan bante yoo tahu, murtii Emreets kana hordofuun Bahreeyn Imbaasiin isiitis Juma’aa har’aa hujii jalqabuu beeksiste. Waajjirri ministeera haajaa alaa Bahreeyn ibsa baaseen, “Biyyoonni Arabaa nageenyi, tokkummaa fi birmadummaan Suuriyaa akka eeggamu deeggaruu fi gahee isaanii akka bahan jajjabeessuuf jecha, Bahreeyn hariiroo Suuriyaa waliin qabdu haaromsuudhaaf murteessitee jirti”jedhe. Dabalataanis Daandiin Xiyyaara Bahreeyn imala Manamaa irraa gara Damashiq dhiheenyatti kan jalqabu tahuu beeksise.

 

Haaluma wal fakkaatuun Urdun (Jordan) jalqaba ji’a kanaa daangaa Suuriyaa waliin  qabdu kan yeroo dheeraaf cufamee ture banuun, hariiroo daldalaa biyyattii waliin kan jalqabde yoo tahu, Prezdaantiin Suudaan Umar Al-Bashiir ammoo torbee tokko dura gara Damishiq imaluun Bashaar Al-Asaad waliin kan mari’ate tahuun ni yaadatama.

 

Lolli hamaan bara 2011 irraa jalqabee Suuriyaa keessatti geggeefamaa jiru lubbuu lammiilee biyyattii kuma dhibbaan lakkaahaman galaafatuun, miiliyoonota ammoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa kan buqqise tahuun ni beekama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button