header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Walitti Bu’iinsa Magaalaa Fincaa’aa keessatti muudateen lubbuun nama 11 oli galaafatame

Godina Gujii lixaa aanaa Dugdaa Daawwaa magaalaa Fincaa’aa keessatti jum’aa hardhaa waaree booda walitti bu’iinsa waraana Makkalaakayaa fi hidhattoota Adda Bilisummaa Oromoo jiddutti ka’een, namni 11 ajjeefamuu, namoonni heddu ammoo madaawu fi qabeenyi barbadaa’uu odeeffannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.

Akka namni magaalaa Fincaa’aa irraa dubbisne nuuf himetti, ka’umsi walitti bu’iinsa kanaa qabatamaan beekamuu dhabus, qaamoota lamaan jidduu walitti gaarrifannaan jiraatuu nuuf hime. Akkasumas namoonni hardha ajjeefaman Kunniin namoota nagayaa tahuu fi rasaasa waraana makKalaakayaa irraa dhukaafameen ajjeefaman jedhe.

Jiraataan naannichaa kun, namoota ajjeefaman keessa 11 ijaan arguu kan nuuf hime yoo tahu, lakkoofsi namoota ajjeefamanii kanaa ol tahuu mala jechuun ibse. Dabalataanis namoonni heddu akka madaayanii fi manneen jireenyaa heddu ammoo kan gubaman tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa. Haaluma walfakkaatuun guyyaa hardhaa godina Wallaggaa Lixaa iddoo gara garaa keessatti namoonni heddu kan ajjefaman tahuun beekamee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button