Prezdaant Zhii Jinping Iddoolli Taayiwaan humnaanis tahu gara Chaayinaatti ni makamti jechuun akeekkachiise

Prezdaantiin Chaayinaa ayyaana waggaa 40ffaa qajeelfamni biyyattii itti raggaasifame ilaalchisee dhaamsa dabarseen, iddoolli Taayiwaan seeraa fi seenaanis qaama Chaayinaa waan taateef Beejiing jalatti akka deebitu waamicha godhe. Zhii Jinping akka jedhetti, “Taayiwaan fedhiin gara Chaayinaatti yoo kan hin makamne tahe, Chaayinaan humnaanis tahu iddoolattii gara biyya haadha isiitti makudhaaf ni dirqamti”jechuun akeekkachiise.
Zhiin Jinping itti dabaluudhaanis, ummata Chaayinaatiif tokkummaan dhimma filannoo hin qabne waan taheef, qaama alaa dhimma isaanii keessa harka naqachuu barbaadu kamiyyuu kan hin obsine tahuu hime.
Taayiwaan bara 1950 Chaayinaa irraa fottoquun of dandeettee sirna dimokraasiitiin kan bulaa jirtu yoo tahu, Chaayinaan garuu hanga har’aatti beekkamtii hin kennineef.