header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Murtiin Doonaald Traamp Addunyaa Guutuu Dallansiise.


Murtii Traamp waa’ee Magaalaa Al Quds irratti dabarse hordofee, mormiin jiru addunyaa waliin gahutti jira. Eeshiyaa irraa kaasee hanga Afriikaa fi Awurooppaatti, Muslimooni Murtii kanatti dallanan dirretti bahanii mormii isaanii bifa garagaraatiin ibsataniiru.

Alhada kaleessaatis mormitoonni kumaatamaan laakkawaman alaabaa Falasxiin qabachuudhaan, deeggarasa ummata Falasxiiniif qaban ibsaniiru.
Murtiin Traamp Roobii darbe dabarse kana,  haga ammaatti Israa’el yoo taate malee namni deeggaru tokkollee hin argamne. Hooggantoota irrraa kaasee, namoonni garagaraa mormii isaanii haala garagaraatiin ifa godhaniiru. Hiriirri Falasxiin keessatti eegalame haga ammaa hin dhaabbanne.
Akka dhaabbanni Fannoo diimaa Falasxiin beeksisetti, Alhada kaleessaa dhukaasa loltootni Israa’el Falasxiinota West Baank fi Gaazaa keessatti hiriira bahan irratti bananiin, namoonni 157 madaayaniiru. Guyyaa hiriirri jalqaberraa hanga kaleessaatti Gaazaa keessatti Falasxiinonni 4 ajjeefamaniiru.
Biyya Lubnaan Magaalaa Beeruut keessattis hiriirtonni poolisootaan walitti bu’aniiru. Hiriirtonni gara Imbaasii Ameerikaa deemanii mormii isaanii dhageeysisuuf yaalanis, loltoonni mootummaa garuu akka garas hin deemne isaan dhoorkan. Kana booda dallansuudhaan alaabaa Israa’elii fi Ameerikaa ibiddaan gubanii, poolisootattis dhakaa darbataniiru. Poolisiinis bishaan danfaa fi gaasii imimmaanii dhukaasuun, hiriirtotni gara Imbaasii akka hin deemne dhoorkeera.
Mormitoota keessaa Adnaan Abdullaah, “Murtiin Traamp haga namoonni akka kiyyaa kunniin lubbuun jiranitti dalagaa irra hin oolu”jechuun gaazexeessitootaaf ibse. Dargaggeessi biraatis, Mootummaan Lubnaan Ameerikaa cinaa dhaabbachuu isaa balaalleeffachuudhaan, “Hooggantoonni tokkoon isaaniillee nu waliin hin jiran. Biyyoonni Arabaatis nu deeggaraa hin jiran. Yaa Rabbi! Nuti Alaabaa Falasxiin olkaasna”jedhe.
Ministeeronni dhimma Alaa biyyoota Arabaatis guyyaa Alhadaa walitti qabamuun, Traamp Murtii isaa akka haquufi, dhaabbanni mootummoota gamtoomaniitis tarkaanfii Ameerikaa kana akka balaalleeffatu gaafataniiru.
indonesia, trump protest, jerusalem, jakarta, israel, anti us protest, indonesia muslims, world news, indian express

Indooneeshiyaa:magaalaa Jaakaartaa keessattis hiriirtonni kuma 5 ta’an Alaabaa Falasxiin qabatanii, Imbaasii Ameerikaa duratti guyyaa lammaffaaf hiriira bahuun mormii Murtii Traamp irratti qaban ibsataniiru. Namoota Hiriira kana qindeessan keessaa Nuurjannaah Nurwaanii, “Haasofni hooggantoonni haasawan qofti nu hin quubsu. Dhaabbileen gurguddoon addunyaa dhiibbaa garagaraa gochuun Murtiin kun akka haqamu taasisuu qabu”jedhe.
Image result for indonesian president
Preezidaantiin Indooneeshiyaa Jookoo Widoodootis Murtii Traamp mormuun, Ambaasaaddarri Ameerikaa Jaakaartaa jiru dhimma uumame irratti ibsa akka kennu gaafatee jira.
Turkiyaattis namootni kumaatamaan laakkawaman Alaabaa Turkiyaa fi Falasxiin qabatanii dirretti bahuun mormii isaanii dhaggeeysisaniiru.
Eega gaafa Murtiin kun dabarfamerraa kaasee Preezidaantiin Turkiyaa Erdogaan mormii isaa haalaan ibsaa jira. Murtii Traamp kanas ‘Murtii Qullaa Gatii hin qabne’ jechuun haga xumuraatti kan falmatu ta’uu beeksise. Biyyoonni Islaamaatis dhimma kanarratti saffisaan akka mari’atan waamicha godheera.
Pro-Palestinian protesters wave Palestinian and Moroccan flags during a demonstration in Rabat against US President Donald Trump's declaration of Jerusalem as Israel's capital on December 10, 2017 (AFP PHOTO / FADEL SENNA)
Morookoo:Magaalaa Raabaat keessatti hiriirtonni dallansuu Murtii Traamp irratti qaban dhaggeeysisaniiru. Miseensooni mootummaa, dhaabbileen mormitootaa, warroonni Amantii leellisanii fi balaalleeffatanis, gamtaan dirretti bahuun mormii isaanii ibsaniiru.
Indiyaa:Kutaa Kaashimir keessatti ammoo jiraattoonni suuqaa fi mana isaanii cufuun karaa duwwaa godhanii mormii isaanii ibsatan. Yamanii fi Suuriyattis mormitoonni Murtii Traamp kan balaaleeffatan ta’uu beeksisan.
Masr: Yunivarsiitii Al Azhaar keessattis barattootaa fi Proofeesaroonni mormii isaanii ibsaniiru.
Protesters march during an anti-US and Israel rally in Karachi, following US President Donald Trump's decision to officially recognize Jerusalem as the Israeli capital. Nuclear-armed Pakistan said it was 'unequivocally opposed' to US President Donald Trump's expected move to recognise Jerusalem as Israel's capital. (RIZWAN TABASSUM / AFP)

Paakistaan:magaalaa Kaaraachiittis, hiriirtonni gara Imbaasii Ameerikaa deemuun mormii isaanii ibsachuuf yaalanis, poolisiin kora bittanneessaa akka of duuba deebi’an godhee jira.  
Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button