header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jiraattonni Magaalaa Moyyaalee lola dhiheenya kana isaan irratti geggeeffameen miidhaan guddaan kan isaan irra gahe tahuu himan

Lola dhiheenya kana magaalaa Mooyyaalee keessatti hidhattoota naannoo Somaaleetiin raawwatameen, namni heddu ajjeefamuu fi kanneen biroo ammoo miidhamuun ni yaadatama. Qabeeny baay’een barbaada’ee, ummatni lakkoofsaan hedduu gara keeniyaa fi aanaalee godina Booranaatti baqate.
Namoota kanneen jidduu Jiraataan magaalaa Mooyyaalee ganda 02 haala turee fi akkaataa yeroo ammaa ummanni keessa jiru kan nuuf hime yoo tahu, jiraataan kun akki jedhe;
” Waraana dhihoo kana guyyaa sagaliif nurratti geggeefameen miidhaa guddatu nurra gahe, anayyuu qabeenyi guddaan narraa barbadaa’ee rakkoof saaxilame, Sababni miidhaan hagana ga’u nurra gahuu danda’eefis waan mootummaan ummataaf eegumsa godhuu dadhabeef ummatni nagayaa diidatti bahee walfixee”jedhe.

Jiraatan kun yaada isaa itti fufuun “ammallee eegii lolli dhaabbatee asitti fulaa itti galuu hin argane, maatiin keenya baqatee raasaa jira, fulaa itti baqannetti ummatni nu gargaaraa jiraatullee deeggarsa mootummaa irraa hin arganne, ammallee lafti nagaya haa taatu malee sodaan guddaan waan jiruuf garasitti deebi’uu ni sodaanna”jedhe.

Akka yaada Jiraataa kanaatti, rakkoo Mooyyalee tanaaf sababni guddaan rakkoo wal dhabbii daangaa tahullee, hoggantoonni mootummaa harka keessaa waan qabaniif rakkoon kun salphatti furamaataa argachuu hin dandeenye.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button