header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ijaarsa Kolleejjii Ifaa Islaamaa Xumursiisuuf Sagantaan galii walitti qabuu geggeeffame

Godina Harargee lixaa magaalaa Cirootti kan argamu Markaza Ifaa Islaamaa gara Kolleejjiitti ol guddisuuf ijaarsi kan jalqabame yoo tahu, ijaarsa kana xumursiisuuf guyyaa hardhaa sagantaan galii walitti qabuu geggeeffame. Sagantaa achuma magaalaa Cirootti geggeeffame kana irratti Ulaama’onni, Ustaazonni, keessummoonni akkasumas hawaasni muslimaa lakkoofsaan heddu tahe argamuun gumaata kan godhe tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Ulamaa’otaa fi Keessummoota Sagantaa kana irratti argaman jidduu;
Dr Jeeyilaan Khadiir
Sheikh Yusuuf Ciroo
Ustaaz Kaamil Shamsuu
Ustaaz Injinar Badruu Hussen akkasumas keessumoonni biroo hedduun kan argaman tahuun beekameera.

Hawaasni Muslimaa magaalaa Ciroo fi naannaawa sanii, Abbootiin qabeenyaa akkasumas lammiileen biyya keenyaa biyya alaa jiraatan projekticha xumursiisuuf deeggarsa maallaqaa, horii kan godhan tahuu gabaafame.

 

4 Comments

  1. Allaahu akbar maashaa Allaa amma hojii guddoo nu boonsitutu hojjetamuu eegale. Alhamdulillaahi Rabbil aalamiin.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button