OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Magaalaa Burraayyuutti mata duree Tokkummaa fi Nageenya jedhuun Sagantaan Da’awaa guddaan geggeeffame

Sagantaan kun Jama’aa Masjiida Nuur kan magaalaa Burraayyuu keessatti argamuutiin kan qophaa’e yoo tahu, ulamaa’oonni gurguddoon biyya keenyaa, Ustaazonni fi hawaasni muslimaa magaalaa Burraayyuu saganticha irratti argamuun qooda kan fudhatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Ulamaa’ota Sagantaa kana irratti argaman jidduu;
Dr Kamaal Galatuu
Sheikh Muhammad Haamiddiin
Ustaaz Abubakar Ahmad
Ustaaz Bahruu Umari fi keessumoonni birootis kan argaman tahuu beekameera.