header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaa finciltoonni Huusii Xiyyaara Droonitiin buufata waraana Yaman irratti raawwattaniin loltonni mootummaa heddu kan ajjeefaman tahuu gabaafame

Haleellaan kun Khamiisa har’aa Kibba Yaman kutaa Lahiij keessatti,  loltoota  buufata humna qilleensaa Anad jedhamu keessatti muldhisa waraanaa geggeessaa turan irratti kan raawwatame yoo tahu, yoo xiqqaate loltoonni mootummaa jaha kan ajjeefaman tahuu AFP’n gabaase. Qondaalota ol’aanoo waraana Yaman lama dabalatee loltoonni 10 ol ammoo haleellaa kanaan  kan madaayan tahuun beekkamee jira.

 

Haleellaa kana gareen Huusii  itti gaafatamummaa kan fudhate tahuu Websaayitii isaa irratti beeksisee jira. Finciltoonni Huusii Iiraaniin deeggaraman bara 2014 mootummaa Yaman fonqolchuun kutaalee biyyattii heddu kan too’atan yoo tahu, kanuma hordofuun Sa’uudii fi Emreets ammoo mootummaa Yaman deeggaruun biyyaattii keessatti lola geggeessaa kan jiran tahuun ni beekkama.

 

Ji’a November dabre gareen Huusii fi Mootummaan Yaman dhukaasa dhaabuuf walii galatee Siwiidin keessatti mallatteessan hordofuun,  lolli hamaan Yaman unkuteesse kun dhiheenyatti dhaabbatee nageenyi biyyattii keessatti ni bu’a abdii jedhu uumee ture. Haa ta’u malee haala raawwii walii galtee kanaa irratti wal dhabbii uumameen, dhiheenya kana naannolee biyyattii heddu keessatti walitti bu’iinsii hammaataa dhufeera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button