header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Qajeelfamni Paartiileen siyaasaa yeroo marii geggeessanitti hordofuu qaban raggaasifame

Paartileen mormitootaa biyyattii keessatti argaman, filannoo bara 2012 geggeeffamu ilaalchisee haal-dureewwan guuttamuu qaban irratti guyyoota sadan dabran marii irra turan. Haaluma kanaan guyyaa hardhaa qajeelfamaa fi dambiin Keeyyata 16 qabu, kan paartiileen siyaasaa yeroo marii jidduu isaaniitti geggeessan hordofuu qaban, kan raggaasifame ta’uu Boordiin Filaannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa fuula feesbukii isaa irratti beeksise.

 

Qabxiilee qajeelfamni paartiilee siyaasaa kun of keessatti hammate jidduu, sirna yeroo mariin  geggeeffamu hordofuu qaban, dirqama mari’achiistota irraa eegamu, dirqama hirmaattota marichaa irraa eegamu,  shoora miidiyaalee irraa eegamu fi dhimmoota birootis  kan hammate tahuu odeeyfannoon kun ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button