header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muummichi Ministeera Maleezhiyaa biyyi isaa Atleetota Israa’el kan hin keessumeessine tahuu ibse

Muummichi ministeera Maleezhiyaa Mahatiir Muhammad, wal dorgommii bishaan daakkii idil addunyaa bara kana  keessa biyya isaa keessatti geggeeffamu irratti,  mootummaan Maleezhiyaa dorgomtoota Israa’elii  waraqaa hayyamaa biyyattii ittiin seenan kan hin kennine tahuu beeksise.

 

Koreen Olompiikii Isra’eel Atileetoonni waraqaa hayyamaa akka argatan dhiibbaa godhaa jiraatus, mootummaan Maleezhiyaa akkuma kennuu didetti jira.

 

Itti aanaan Ministeera Ispoortii Maleezhiyaa Sim Hee Kyuung dhimmicha irratti yaada kenneen,  Atleetonni Israa’el biyya isaa akka seenan kan hin hayyamamne tahuu ibsuun, hanga Israa’el dararaa Falasxiinota irratti raawwattu hin dhaabinitti, Maleezhiyaan lammiin Israa’el tokkollee gara biyya isii akka hin seenne qajeelfama jedhu kan qabdu tahuu ibse.

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button