header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Walitti bu’iinsa ji’a darbe Kongoo (DRC )keessatti muudateen yoo xiqqaate namoonni 900 ol kan ajjeefaman tahuu gabaafame

Lixa Kongoo keessatti walitti bu’iinsa Ji’a darbe Saboota Banuunuu fi Batendee jedhaman jiddutti muudateen, guyya sadi keessatti namoonni 900 ol kan ajjeefaman tahuu dhaabbanni mootummoota gamtoomanii beeksise. Dabalatanis walitti bu’iinsa naannicha keessatti hammaata dhufe hordofuun, namoonni 16,000 ol qe’ee isaanii irraa buqqifamuun gara biyya ollaa Kongoo Brazaviil kan baqatan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Filannoon prezdaantummaa December 30 guutuu biyyattii keessatti geggeefamee ture rakkoo hamaa naannicha keessa tureen wal qabatee, Lixa Kongoo keessatti ummanni  Ji’a Caamsaa dhufuutti sagalee akka kennu yaadamee ture. Haata’u malee walitti bu’iinsaa hammaataa dhufe kanaan naannichatti yeroo dhihoo keessatti filannoo geggeessuun kan hin danda’amne tahuu gabaafame.

 

Gama biraatiin ammoo bu’aa filannoo prezdaantummaa torbee dabre Komishiiniin filannoo biyyattii ifa godhe mormitootaa fi dhaabbilee gara garaa irraa mormiin cimaan kan muudate yoo tahu, kanuma hordofuun guutuu biyyattii keessatti walitti bu’iinsi ni ka’a sodaan jedhu kan hammaachaa dhufe tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button