header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Jilli ministeera maallaqaa Obbo Ahmad Shideetiin durfamu Sa’uudii daaw’atuun gabaafame

Jilli ministeera maallaqaa Obbo Ahmad Shideetiin durfamu kun,  guyyaa kaleessaa magaalaa Riyaad keessatti ministeera maallaqaa Sa’uudii Muhammad Al-Jowdaanii fi qondaaltota biyyattii kanneen biroo waliin kan mari’ate tahuu gabaafame. Qondaaltota mootummaa Ityoophiyaa jila kana keessatti argaman jidduu hogganaan Baankii Biyyoolessaa Dr. Yinnaagar Dasee tokko yoo tahu, qondaaltota mootummaa Sa’uudii waliin dhimmoota gara garaa irratti sanadii walii galtee heddu kan mallatteesse tahuun beekkamee jira.

 

Gama Sa’uudiitiin ammoo Ministeeronni  Qonnaa, Eeggumsa naannoo fi  Bishaanii marii kana irratti kan hirmaatan tahuufi, keessumattuu hariiroo diinagdee fi Investmentii biyyoota lamaan jidduu ture cimsuudhaaf kan walii galuu gabaasni Imbaasii Ityoophiyaa irraa argame ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button