header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Mormiin ummataa ji’a tokko dura mootummaa Suudaan irratti jalqabame akkuma itti fufetti jira

Mootummaan Suudaan rakkoo diinagdee biyyattii muudate furuudhaaf waada kan gale tahus, ummanni biyyattii garuu prezdaantichi kana booda taayitaa irra turuu hin qabu jechun mormii  itti fufee jira. Mootummaanis mormitoota irratti tarkaanfii humnaa fudhataa jira. Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa mormii ogeeyyonni fayyaa magaalaa Khaartuum keessatti  geggeessan irratti dhukaasa banameen lubbuun doktora tokkoo yoo dabru, haaluma walfakkaatuun mucaa ganna 16 tokko dabalatee namoonni biroo lama rasaasa poolisoonni dhukaasaniin kan ajjeefaman tahuu gabaafame.

 

Mormii ummanni biiyyattii mootummaa irratti torbee 5 dura jalqabe kanaan hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 40 ol kan ajjeefaman yoo tahu, namoonni 1000 ol ammoo kan hidhaman tahuu odeeyfannoon ni ibsa.  Sabtii har’aatis Abbaan alangee biyyattii namoota 38 irratti ajaja hidhaa kan baase tahuu gabaafame.  Namoonni ajajni hidhaa irratti bahe kunniin irra hedduun gaazexeessitootaa fi aktiivistoota  yoo tahan, abbaan alangaa “oduu sobaatiin ummata jeequmsaaf kakaasaa jiran”jechuun  kan yakke tahuu miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button