header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad Foramii Diinagdee Addunyaa Davos irratti hirmaataa jira

Foramiin Diinagdee Addunyaa waggaa waggaan Siwiizarlaand magaalaa Davos keessatti kan geggeeffamu yoo tahu, hoggantoonni Kaampaaniiwwan gurguddoo addunyaa, Inveestaroonni, dureeyyonni, hoggantoonni biyyoota dureeyyii fi dhaabbiileen gargaarsaa walitti dhufuun haala dinaagdee addunyaa irratti mari’atu.

 

Hoggantoota biyyoota Afrikaa  Foramii bara kanaa irratti affeeraman jidduu tokko Dr Abiy Ahmad yoo tahu, haaluma kanaan mummichi ministeeraa fi jilli isaa foramicha irratti kan hirmaataa jiru tahuun beekkameera. Dabalataanis Dr Abiy jijjiirama Ityoophiyaa keessatti dhufaa jiru irratti akka haasayuuf karoorri kan qabameef tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

 

Muummichi ministeeraa walgahii foramichaa cinatti hogganaa ol’aanaa Korporeeshiinii Fandii Investimantii Dubaay Muhammad al-Veeybaan waliin kan mari’ate tahuu gabaafame.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button