header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Qondaaltonni mootummaa Indiyaa  muslimoota Rohingiyaa irratti dararaa dhaqqabsiisaa kan jiran tahuu gabaafame

Qondaaltonni Paartii Indiyaa bulchaa jiru kan Hindu Nationalist Party jedhamuu,  muslimoota Rohingiyaa duguuggaa sanyii mootummaan Miyanmaar isaan irratti raawwate baqachuun Indiyaa keessa qubatan irratti, dararaa adda addaa kan raawwataa jiran tahuu gabaafame. Haaluma kanaan qondaaltonni mootummaa Indiyaa muslimoota Rohingiyaa biyyattii keessa qubatan iddoo tokko irraa gara birootti akka hin sochoone dhoorkuu, kaampiilee jireenyaaf hin mijoofne keessatti ugguruu fi badii tokkoon malee hidhuu dabalatee, namoota heddu dirqiin gara Miyanmaaritti kan deebisaa jiran tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Indiyaa keessatti  Jibbiinsa Paartiin Hindu Nationalist muslimoota irratti hammeessaa dhufeen wal qabatee,  yeroo ammaa dhibbaan hamaan baqattoota muslimaa irratti xiyyeeffate  kan babal’ataa dhufe tahuun beekkameera.  Kanuma hordofuun Muslimoonni Rohingiyaa 40,000 ol tahan,  kanneen Miyanmaar irraa gara Indiyaatti baqatanii turan jidduu harki caalu, waraqaa hayyama jireenyaa mootummaa Indiyaa irraa dhabuu isaaniitiin, amma immoo gara Bangilaadishitti kan baqataa jiran tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Mootummaan Indiyaa paartii Hindu Nationalist jedhamuun hogganamu yeroo dhihoo asitti qajeelfamoota muslimoota irratti xiyyeeffatu kan baasaa jiru yoo tahu, ji’a dabre keessa wixineen seeraa “baqattoota biyyoota ollaa irraa gara Indiyaa seenan jidduu,  warra amantaa Islaamaa hin hordofne qofaaf hayyamni jireenyaa haa kennamu”jedhu muslimoota biyyattii kan dallansiisee ture tahuu gabaafame.

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button