header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Muummichi ministeeraa jijjiirama Ityoophiyatti eeggalame ummanni gama hundaan kan tumsaa jiru tahuu beeksise

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad Foramii Diinagdee Addunyaa Siwiizarlaand magaalaa Davos keessaatti geggeefamaa jiru irratti haasaya godheen, ji’oota kurnan dabran biyyattiin jijjiirama bu’uura geggeessaa akka turtee fi ummannis gama hundaan jijjiirama kana tumsaa jiraachuu ibse.

 

Dr Abiy hirmaattota Foramii kanaatiif akka ibsetti, Ityoophiyaan hanga bara 2021tti guddina diinagdee 8% galmeessisuudhaaf kan hojjataa jirtu tahuu ibsuun, haaluma kanaan dameewwan diinagdee kanaan dura dureeyyii biyyoota alaatiif cufaa turan amma kan banaman tahuu hime.

 

Muummichi ministeeraa qajeelfama mootummaa isaa yaada “walitti Ida’amuu”jedhuun durfamu hirmaattotaaf kan ibse yoo tahu, “yaadni walitti ida’amuu dirree dimokraasii bal’isuu, biyyoota naannoo baha Afrikaa waliin nagaya buusuun diinagdeedhaan walitti hidhamuu, dargaggootaa fi dubartoota hirmaachisuudhaan fayyadamoo taasisuun hojii irra oolaa jira”jedhe.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button