OdeeyfannooUSA
Qondaaltonni Poolisii Ameerikaa namoota wiirtuu Islaamaa tokko irratti haleellaa raawwachuuf karoorsaa turan qabuu beeksisan
Qondaaltonni poolisii kutaa Niwuyoork ibsa kennaniin akka jedhanitti, namoonni afran too’annaa jala kan oolan, wiirtuu hawaasa Islaamaa kutaa Niwuyoork kan magaalaa Niwuyoork irraa kilomeetra 150 fagaatee argamu haleeluudhaaf qophaayaa jiraachuu isaanii, odeeyfannoo barataa tokko irraa argameen tahuu beeksisan.
Namoota afran too’annaa jala oolan jidduu tokko barataa sadarkaa lammaffaa kan umriin isaa waggaa 16 yoo tahu, karoora haleellaa kanaa hiriyyaa isaa tokkoof eega himee booda odeeyfannoon poolisii kan dhaqqabe tahuu gabaafame. Poolisiin akka jedhetti, nannaawa mana jireenyaa namoota afranii keessatti sakatta’iinsa geggeesseen qawwee fi shugguxii 23 akkasumas bombiiwwan sadi kan qabe tahuu beeksise.