AwrooppaaOdeeyfannoo
Muummichi ministeeraa gara Beeljiyeem imaluun qondaaltota gamtaa Awrooppaa waliin mari’ate
Muummichi ministeeraa daaw’annaa hujii Awrooppaa keessatti geggeessaa jiru itti fufuun har’a gara Beeljiyeem imaluun, magaala Braasels keessatti qondaaltota mana maree gamtaa Awrooppaa waliin kan mari’ate tahuun beekkamee jira. Prezdaantiin mana marii gamtaa Awrooppaa Donald Tusk Dr Abiy Ahmad simachuun waliin kan mari’ate yoo tahu, gamtaan Awrooppaa jijjiirama Ityoophiyaa keessatti dhufaa jiru kan deeggaru tahuu beeksise.
Dabalataanis gamtichi deeggarsa adda addaa Ityoophiyaaf kennaa ture cimsee kan itti fufu tahuu mirkaneesse. Hoggantoonni lamaan, hariiroon Gamtaa Awrooppaa fi Ityoophiyaa jidduu jiru gama hundaan cimee haala itti fufu irratti waliin hojjachuuf kan walii galan tahuu gabaafame.