header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen Abbootii Gadaa fi hayyootaa irraa hundeeffame ABO FI Mootummaa jiddutti araarri bu’uu labse

Mariin araaraa guyyaa har’aa Gumiin Abbootii Gadaa fi Yunivarsiitiin Amboo waliin ta’un qopheessan galma yunivarsiitii Amboo keessatti kan geggeeffame yoo tahu, Koreen teknikaa araara mootummaa fi ABO raawwachuuf hundaa’e har’a Amajjii 16 irraa eegale lolli gama lamaaniinuu akka dhaabatu labsuun murteewwan gurguddo heddu dabarsee jira.

Murteewwan kanneen keessaa:
1. Ololli miidiyaa gama lachuunu akka dhaabbatu, komii yoo qabaatan miidiyaaf ibsa kennuu osoo hin taane koree hundaa’e qofaaf gabaasuu qabu.
2. Waraana Bilisummaa Oromoo gara kaampiitti galchuun guyyoota 20 keessatti akka xumuramu.
3. Yeroo waraanni seenu simannaan ho’aan akka godhamuuf
4. Guyyaa waraanni galu danqaan akka hin jiraanne Raayyaan Ittisa Biyyaa guyyoota sadiif daandii akka banaa godhu.
5. Kaampiiwwan waraanni itti qubatus bakkeewwan lolli keessatti geggeeffamaa turerraa akka fagaatu.
6. Dhimma qabinsa waraanaa koreen teknikaa yeroo yeroon dhaqee akka hordofu.
7. Kaampii keessa ji’a lamaa ol akka hin turre, qabxiileen jedhan kan keessatti argaman tahuun beekkameera.
#Murtii_Araaraa #ABO #Mootummaa

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button