OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Obbo Barakat Sim’oon fi Obbo Taaddasaa kaasaa mana Murtiitti dhiyaatan

Qondaaltonni olaanoon mootummaa duraanii Obbo Barakat Sim’oon fi obbo Taddasaa Kaasaa guyyaa lama dura yakka malamaltummaatiin shakkamanii magaalaa Finfinnee irra qabamuun, naannoo Amaaraa magaalaa Baahirdaaritti kan hidhaman yoo tahu, Koomishiiniin farra malaamaltummaa naannoo Amaaraa dhimmi isaanii mana murtii naannichaatti kan ilaalamu tahuu ibsee ture.

Haaluma kanaan guyyaa hardhaa qondaaltonni lamaan mana murtiitti kan dhihaatan yoo ta’u, Shakkamtoonni lamaan hidhaa irraa lakkifamuun dhimmi isaanii mana murtii magaalaa Finfinneetti akka ilaalamu kan gaafatan tahuu gabaafame. Abbaan Alangaa immoo shakkamtoonni ragaalee balleessuu waan danda’aniif akka mana hidhaa turan jechuun gaafate.

Manni murtiis falmii Abbaa Alangaa fi shakkamtootaa eega dhageeffatee booda, yaada Abbaan alangaa shakkamtoonni yoo wabiin lakkifaman ragaa balleessu danda’an jechuun dhiheesse fudhatuun mirga wabii dhoorkatee jira. Dabalataanis manni murtichaa yakki isaan himatamaniin naannoo Amaaraatti waan raawwatameef, dhimmi isaanii achumatti akka ilaalamu kan murteesse tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Dhuma irrattis Abbaan Alangaa ragaa naaf hafa jedhu qabatee gurraandhala 1/2011tti akka dhiyaatu beellamni kenname.
#Barakat #Taaddasaa #ANDM

Comment

Related Articles

Back to top button