header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Wallaggaa bahaa aanaa Waamaa Hagalootti Sagantaan Da’awaa guddaan geggeeffame

Sagantaan Muhadaaraa kun kan geggeeffame ganda Koottaa jedhamuutti yoo tahu, hordoftoonni amantaa birootis saganticha irratti argamuu odeeyfannoon ni addeessa. Hordoftoota amantaa biroo hordofaa turan jidduu isaan 20 gara amantaa isaanii kan dhalootaa Islaamummatti deebi’anii jiru.

Gandicha keessatti masjiidnii fi iddoon barnootni diinii itti keennamu wan hin jirreef, rakkoo kana furuudhaaf ummatni sagantaa kanaa irratti argame deeggarsa maallaqaa fi meesshalee adda addaa kan gumaache tahuu namni achirrsa dubbisne nuuf hime.
Sagantaa Muhadaaraa kana irratti Du’aatonni naannawa sanii akkasumas kanneen iddoo biraa irraa dhufan argamuun, da’awaa kan godhan tahuun beekameera.
Keessummoota sagantaa kana irratti argaman jidduu:
Sheikh Ja’afar Ahmad Finfinnee irraa
Ustaaz Mubaarak Aadam
Sheikh Sa’id Muhammad
fi Sheik Misbaahuu Abdurrahmaan magaalaa Naqamtee irra argamun beekameera.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button