header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Korri 15ffaa komishiinii ministeerota Ityoophiyaa fi Jibuutii geggeeffamaa jira

Jilli qondaaltota ol’aanoo Ityoophiyaa 10 of keessatti hammate kan ministeera haajaa alaa Dr. Warqinah Gabayyootiin hogganamu kaleessa galgala gara Jibuutii kan imale yoo tahu, qondaaltonni  kunniin guyyaa hardhaa wal gahii Komishiinii ministeerota biyyoota lamaanii irratti hirmaataa jiran.

 

Ministeerri haajaa alaa Ityoophiyaa Dr Warqinah Gabayyoo wal gahii kanarratti haasaya godheen, biyyoonni lamaan hariiroo bal’aa fi adda ta’e kan qaban tahuu ibsuun, keessumattuu Ityoophiyaa fi Jibuutiin Aadaa, Afaan fi Diinagdeen kan walitti hidhaman tahuu hime. Ministeerri haajaa alaa fi tumsa idil Addunyaa Jibuutii Mahmuud Yuusuf gama isaatiin, hariiroon biyyoota lamaanii gamaa hundaan cimaa kan dhufe tahuu beeksise.

 

Mariin koomishiinii waloo 15ffaan  daldala, geejjiba, buufata bu’uuraalee misoomaa, barnoota, fayyaa fi gumruuka irratti kan  xiyyeeffatu yoo tahu, biyyoonni lamaan waggoota dabran keessa bu’uuraalee misoomaa walitti isaan hidhu ijaaruuf Doolaara biiliyoona 15 kan baasan tahuu gabaafame.

Marii ministeerota Ityoo Jibuutii1

Comment

Back to top button