header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Falmiin hoggantoota Siyaasaa Venezuweelaa jiddutti muudate ammas akkuma itti fufetti jira

Gaaga’ama Siyaasaa Venezuweelaa keessatti hammaataa dhufeen wal qabatee manni murtii ol’aanaa biyyattii Juan Guadio biyyaa akka hin bane, akkasumas qabeenyi maqaa isaatiin galmaahee jiru hundi akka hin sochoone kan uggure tahuu gabaafame. Juan Guadio gama isaatiin ummanni biyyattii mormii bulchiinsa prezdaant Nicholas Maduro irratti jalqabe cimsee akka itti fufu gaafate.

Gama biraatiin ammoo Ameerikaan deeggarsa siyaasaa Mr Guadio kennaa jirtu cimsuun,  dhaabbata boba’aa mootummaa biyyattii irratti uggura keettee jirti. Dabalataanis qabeenya Venezuweelaan Ameerikaa keessaa qabdu keessaa muraasa gara Juan Guadio kan dabarsitu tahuu beeksiste.

Chaayinaan gama isiitiin ibsa baasteen,  Ameerikaa fi biyyoonni biroo dhimma Venezuweelaa keessa harka naqatan hundi, gocha biyyattii gara diiguutti dhihaataa jiru kana irraa akka of qusatan akeekkachiiste.

Raashiyaan ammoo Kibxata kaleessaa ibsa baasteen deeggarsa maallaqaa bulchiinsa prezdaant Nicholas Maduroof kan kennitu tahuu beeksiste. Dabalataanis Moskoon rakkoo siyaasaa hoggantoota lamaan jiddutti uumame furuudhaaf gama lamaan mari’achiisuuf fedhii kan qabdu tahuu himte. Kanuma hordofuun Prezdaant Nicholas Maduro affeerraa marii Raashiyaa irraa dhihaate kan fudhate tahuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button