header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

BREAKING: Ameerikaan walii galtee Niwukilarii Raashiyaa waliin mallatteessitee turte keessaa bahuu beeksiste

Ameerikaa fi Raashiyaan bara 1987 walii galtee oomisha meeshaa  waraana Niwukilarii fageenya jiddu galeessaa ugguru (Intermediate-Range Nuclear Forces Treaty) jedhamu kan mallatteessan yoo tahu, ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Mike Pompeo guyyaa hardhaa ibsa kenneen, “Raashiyaan walii galtee kana waan hin kabajiniif,  Ameerikaan ammoo ifatti walii galtee kana keessaa baatee jirti”jedhe.

Mr Pompeo’n itti dabaluudhaanis, “Adeemsi Raashiyaa Ameerikaa fi biyyoota Awrooppaa michuu keenna tahan balaa hamaaf saaxilee jira”jechuun yakke.  Prezdaant Traamp dhimmicha irratti yaada kenneen, “Raashiyaan yeroo dheera dura qajeelfama walii galtee kana cabsite, kanaafuu nuti kophaa keenya walii galticha keessa turuu hin dandeenyu”jedhe.

Diigamiinsi walii galtee oomisha Niwukilarii ugguru kun,  biyyoota lamaan jiddutti wal dorgommii oomishaa meeshaa waraana Niwukilarii addunyaaf hamaa tahe hordofsiisa sodaan jedhu kan jiru tahuu gabaasni CNN ni ibsa.

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button