OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Manni Maree Ministeerotaa walii galtee miseensummaa naannawa daldala bilisaa biyyoota Afrikaa raggaasise

Manni marichaa walga’ii har’a gaggeessen walii galtee kana kan raggaasise yoo tahu, walii galteen kun hujii muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad Afrikaa walitti dhiheessuuf hojjataa jiru kan deeggaru tahuu ibsi waajjira mummicha ministeeraa irraa bahe ni ibsa.
Wal galteen kun Dhaabbanni Daldala Addunyaa ega hundaa’ee asitti, walii galteewwan jajjaboo keessaa tokko akka ta’e kan ibsame yammuu ta’u, kaayyoon walii galtee kanaa Afrikaatti gabaa waloo tokko uumuuf carraaqqii godhamaa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.